Raayyaan Ittisaa burqaa nagaa qofa utuu hin ta’iin burqaa misoomaa fi kalaqaa ta’uu qaba-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC)- Raayyaan Ittisaa Biyyaa burqaa nagaa qofa utuu hinta’iin burqaa misoomaa fi kalaqaa ta’uu akka qabu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa awaasummaa isaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa eegsisuu fi nagaa mirkaneessuu malee gumaachi dabalataa gama misoomaatiin taasisaa jiru jajjabeessaadha jedhan.

Qonna omisha qamadiitiin, Ashaaraa Magariisaa fi bu’aawwan indaastrii hedduu oomishuudhaan tattaaffiin misooma si’oomsuu fi bu’ura badhaadhina kaa’uuf taasisaa jiru jajjabeeffamuu akka qabus akeekaniiru.

Dabalataan Raayyaan Ittisaa burqaa nagaa qofa utuu hinta’iin burqaa misoomaa, burqaa kalaqaa ta’uu waan qabuuf, bu’aan argamaa jirus abdachiisaa fi cimees itti fufuu qabas jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment