Raayyaan Ittisaa Birmadummaa fi Nageenya biyyaa mirkaneessuu cinaatti hirmaannaan misoomaa jajjabeessaa taasiisaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC) – Raayyaan Ittisaa Birmadummaa fi Nageenya biyyaa mirkaneessuu cinaatti hirmaannaan misoomaarratti taasiisaa jiru jajjabeessaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Raayyichi birmadummaa biyyaa eegsisuu fi nagaa mirkaneessuun dabalataan gumaachi gama misoomaatiin taasisaa jiru jajjabeessaa ta’uu Dooktar Abiy Ahimad miidiyaa awaasummaa isaaniin himaniiru.

Hojiin abdii namatti horu kun cimee itti fufuu qaba jedhan.

Qonna oomisha qamadii, Ashaaraa Magariisaa fi bu’aawwan indaastrii hedduu oomishuudhaan tattaaffiin misooma si’oomsuu fi bu’ura badhaadhina kaa’uuf taasisaa jiru jajjabeeffamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Dabalataan Raayyaan Ittisaa burqaa nagaa qofa utuu hinta’iin burqaa misoomaa, burqaa kalaqaa ta’uu waan qabuuf, bu’aan argamaa jirus abdachiisaa fi cimees itti fufuu qabas jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment