Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisaa Biyyaa Aasxaa guddina sadarkaaf itti fayyadamaa turerratti fooyya’iinsa taasiisuu beeksiseera.
Aasxaa itti fayyadamaa turerretti fooyya’iinsa taasiisuu Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.
Aasxaan kana dura ture qabiyyeen isaa seenaa fi biyyaaf faayidaan qabu gadi aanaa turuu ibseera.
Qabiyyeen Aasxawwan loltummaa fooyya’aan kunneen faayidaa seenaa fi biyyaaf qaban tilmaamama keessa galchuun kan qophaa’an ta’uu Raayyaa Ittisaa bakka bu’aan itti gaafatamaan giddugala qorannoo fi qo’annoo Kooloneel Masfin Laggasaan ibsaniiru.
Aasxichi leencha Raayyaa Ittisaa fi Ummata Ityoophiyaa kan ibsun fakkii leencaa fi mallattoo kabaja birmadummaa biyyaa kan ta’e Gaachanaan akka bakka bu’u taasiifamee qophaa’uu ibsaniiru.
Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.