Raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii miseensoota garee ABUT irratti fudhate ifoomse

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC)-Raayyaan Ittisa biyyaa haleellaa Maaykaadiraa hoogganaa kan ture Koloneel Yamaan Gabra Mikaa’eeliin dabalatee hooggantoota garee ABUT irratti tarkaanfii fudhate ifoomseera.
Garee hooggantoota ABUT booji’ama keessaas Minister deettaan Ministeera Geejjibaa duraanii aadde Muluu Gabra Igzi’aabiheer keessaatti akka argaman ibsameera.
Itti gaafatamaan qajeelcha humna waraanaa Birgaaderaal Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew dhimicharratti ibsa lataaniiru.
Ibsa isaaniitiin hooggantoonni olaanoo garee ABUT fi hooggantoonni waraanaa booji’amuu fi ajjeefamuu isaanii ibsaniiru.
Raayyaan ittisaa fi poolisiin qindoominaan tarkaanfii fudhataniin hedduu harkaa laachuu fi harka laachuuf ammoo fedhii kan hin qabne ajjeefamuu isaanii beeksisaniiru.
Sakattoo gaggeeffamaa jiruun hooggantoonni garichaa holqaa fi mana amantaa keessaa dhokatanii kan jiranii fi uffataa abbootii amantaa uffachuun kan argamaniis jiraachuu himaniiru.
Birgaaderaal Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew, raayyaan ittisa biyyaa ganuun garichatti kan makaman harka laadhaa wayita jedhamanitti hin laannuu kan jedhan irrattis tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Kanneen tarkaanfii irratti fudhatamee keessaas Koloneel Alam Gabramadiin, Koloneel Biiniyaam Gabramadiin, Koloneel Ambaayee, Koloneel Maashoo, Koloneel Yirgaa Siyyuum, Koloneel Haaduush, Koloneel Atsibiyaa, Koloneel Tsafaayee Gabramadiin, Koloneel Yohaannis Kaalayyuu, Koloneel Takla Igzi’aabeer, Letanaal Koloneel Baarhee fi koloneeloonni biroo maqaan isaanii hin eeramnee 4 fi hooggantoonni godina 2 keessaatti argamu jedhaniiru.
Dabalataanis milishoonni fi miseensoonni humni adda lakkoofsaan hedduu ta’an harka laachuu isaanii himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment