Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee Daanshaa, Baakar, Shiraaroo hanga Shireetti guutummaa guutuutti to’ateera-Jeneraal Biraanuu

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2013 (FBC)-Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee Daanshaa, Baakar, Shiraaroo hanga Shireetti guutummaa guutuutti to’achuusaa, Itaamaajor Shuumii itti aanaa fi Hogganaa Damee Oppireeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Jeneraal Biraanuu Juulaa ibsaniiru.

Jeneraal Biraanuu Juulaa gareen finxaaleyyii ABUT hanga hin barbadoofnetti biyyi kun nagaa hin argattu jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee Daanshaa,Baakar, Shiraaroo hanga Shireetti guutummaa guutuutti to’atee gara fuulduraatti imalaa jira jedhaniiru.

Raayyaan Ittisa biyyaa meeshaalee waraana jajjaboo garee gantootaa kana harka tures gutummaa guutuutti barbadeessuusaa himaniiru.

Humni addaa fi milishaan naannichaa lakkoofsaan hedduu ta’an harka kennaataa akka jiranis Jeneraal Biraanuun himaniiru.

Ummanni dangaa amma daangaatti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf agarsiisaa jiru Raayyaa Ittisa Biyyaatti humnaa fi onnee akka itti hore bsaniiru.

Garee finxaaleyyii kunneen barbadeessuun olantummaa seeraa fi heera biyyatti mirkaneessuuf ga’umsa olaanaan hojjetamaa jiras jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ummanni akka hin miidhamne uummataa fi garee finxaaleyyii kanniin adda baasee rukkutuuf of eegganoo cimaan hojjetaa akka himaniiru.

Madda:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment