Raayyaan Ittisa Biyyaa Miseensota Raayyaa Ittisaa duraaniif waamicha taasise

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC)- Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Miseensota Raayyaa Ittisaa Biyyaa duraaniif waamicha taasiseera.

Ministeerichi gocha biyya diiguuf taasifamaa jiru fashaleessuuf duula biyya baraaruuf taasifamaa jiru irratti beekumsaa fi muuxannoo qabaniin Raayyaa Ittisa Biyyaa cina hiriiranii ga’ee isaanii ba’achuuf gaaffii dhiyeessanii turuu ibseera.

Bu’uuruma kanaan  ulaagalee ergama ba’achuu dandeessisan kanneen akka ga’umsa  qaamaa, fayyaa, qophaa’ummaa xinsammuu, beekumsaa fi muuxannoo qabaniif waamicha taasisuu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment