Raayyaan Ittisa Biyyaa garee shororkeessaa ABUTiin barbadeessaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)-Raayyaan Ittisa Biyyaa garee shororkeessaa ABUTiif akkaataa dhufaatii isaatti duubdeebii kennaafii jiraachuufi barbadeessaa jiraachuu ibseera.

Raayyichi ibsa baaseen Raayyaan Ittisa Biyyaa raayyaa injifataa ta’uu eeruun,  bakkaafi yeroo kamittiyyuu, haala teessuma lafaafi haala qilleensaa rakkisaa dandamachuun dirqama isaa injifannoon kan ba’atu ta’uufi diina haala amansiisaa ta’een kan qolatu ta’uu mirkaneesseera.

Raayyichi ofiisaarra uummataaf dursa kan kenne, uummataafi biyyaaf dabarsee kan of laate raayyaa biyyaalessaa itti boonu jedheera.

Diinni amala uummatummaasaa haalaan waan hubataniif daa’immaniifi dubartoota fuuldura hiriirsisuun tooftaa waraanaa dambalii uummataa barri irra darbeen waraana banuun isaa gootummaa raayyaa ittisa biyyaa haalaan waan beekaniif ta’uu ibseera.

Ta’us raayyaan ittisa biyyaa akkaataa hiriira diinaa duula birmadummaa darberraa haalaan hubachuun garee shororkeessaa ABUTiif akkaataa dhufaatii isaatti duubdeebii kennaa jiraachuufi barbadeessaa jiraachuu eereera.

Waraana boodatti hafaa diinni uummata isaaf dhimma akka hin qabne keessatti raayyaan ittisa biyyaa ofeeggannoo olaanaafi miira itti gaafatamummaan dirqama isaa ba’achaa jiraachuu kaasuun, garee shororkeessaan ABUT ibidda qabsiiseen gubachaa jiraachuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment