Raayyaan Ittisa Biyyaa daandii Humaraa Sudaan dabalatee bakkeewwan hedduu to’ateera

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa Maaydaalii, Daanshaa, Ba’ikar, Liguudii, buufata xiyyaaraa Humaraa akkasumaas daandii Humaraa Sudaan to’achuu ibseera.

Daayrektarri olaanaan Indooktiriineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa mejar jenaraal Mahaammad Tasammaa TOItti akka himanitti tarkaanfiwwan fudhachaa jiru cimsee itti fufeera.

Garee finxaaleyyii ABUT waliin wal waraanaa kan tureen, miseensoonni humna addaa Tigraay Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka kennachaa jiraachuu ibsaniiru.

Miseensoonni humna addaa kunneen hedduun umriin isaanii 18 gadi kan ta’anii fi loltummaf kan hin geenye ta’uu ibsuun, gareen gara waraanaatti ergu kun aangoof malee lammii isaaf dhimma kan hin qabne ta’uu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment