Raayyaan Ittisa Biyyaa addaa Tigraay bahaa fi dhihaa injifatee  ibse

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI har’a addaa Tigraay bahaa fi dhihaa injifateera.

Bahaa Tigraayitti aaddi Raayyaa guutuumma gutuuttii bilisa baaseeraa, Carcaar, Gugguftoo Mahoonii raayyichi bilisaa baaseera.

Da’annaa konkiriitii iddoo garaagaraa turees diigeera.

 

Dhihaa Tigraayittis Addi Naabriidii fi Addi Daa’irootti  kan argamuu iddoo da’aanna diiguun Shiree to’annaa jala oolchuun gara Aksumitti imalaa jira.

Tarkaanfii fudhatamaa jiruun meeshaaleen waraanaa hedduu yoo boji’amaan ABUT kayyoo badiif kan hiriirsee miseensoonni humna naannoo Tigraay to’annaa jala oolaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa garee gantuu ABUT to’annaa jala olchuuf kan imalaa jiru yoo ta’u, humni Juntaa irree raayyaa ittisa biyyaa dandamachuu dhadhabee gara bodaatti baqachaa jiraachu koreen sakattoo ragaa labsii yeroo ariifachiisaa ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment