Raayyaan haleellaa keessaa fi alarraa aggaamamu fageenyarratti fashaleessu ijaaramaa jira-L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)- Raayyaan haleellaa keessaa fi alarraa Itiyoophiyaarraatti aggaamamu fageenyarratti fashaleessu ijaaramaa jiraachuu Ajaaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Guyyaan Raayyaa Ittisaa yeroo 116ffaan mata duree “Wayita Qoramu Hundaatti Kan Cimu Raayyaa Injifannoo” jedhuun Qajeelcha Waliigalaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaatti kabajameera.

Saganticharratti Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa dabalatee qondaaltonni olaanoo fi miseensonni humna qilleensaa hirmaataniiru.

Raayyichi haalota jijijjiiramoo fi walxaxaa hunda keessatti faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa haala amansiisaan kan kabachiisu ta’uu Leetenaal Jeneraal Yimaa Mardaasaan dubbataniiru.

Guyyaan Raayyaa wayitaa kabajamu, ummanni beekkamtii fi kabaja akka kennu, Miseensonni Raayya Ittisaa ammoo biyyaa fi nageenya ummataaf wareegama kaffaluuf guyyaa waadaa isaanii haaressaniidha jedhan.

Gama maraan qophaa’ummaa loltummaa mirkaneessuun Itiyoophiyaan akka hindiigamne humna qilleensaa dabaltee raayyaa cimaan gama hundaan gurmaa’aa jiraachuun eerameera.

Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota waraanaa ammayyaa’oon, teeknooloojiin, humna namaa ga’umsa qabuu fi bu’uuraalee misoomaan ijaaruun cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Bu’uuraaleen misoomaa qajeelcha waliigalaa Humna qilleensaan ijaaramanis eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment