Raayyaan ergama isaa haala amansiisaan akka raawwatuuf hojiin ijaarsaa dandeettii cimee itti fufa-L/J Zawuduu Balaay

Finfinnee, Amajjii 5, 2016 (FBC)- Raayyaan ummata keessaa ba’ee ummataf dhaabbatu ergamni isaa waraanaa malee birmadummaa biyyaa kabachiisuudha jechuun Ajajan Olaanaan Ajaja Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan.

Letenenaal Jeneraal Zawuduu Balaay akka jedhanitti Raayyaan Ittisaa keessaa fi alarraa aggammii dinaa aggaamamu dhaabuun nageenya ummataa kabachiisaa jira.

Raayyaan ummata keessa ba’ee ummataaf dhaabbatu ergamni isaa waraanaa malee birmadummaa biyyaa kabachiisuudha jedhanii, waraanicha injifannoon xumuruuf nageenya ummataa deebisuuf ergamaa kan qabu ta’uu dubbatan.

Kanaaf raayyaan dirqama itti kenname sirnaan raawwachuuf kan dandeessisu gama ijaarsa dandeettiin hojiileen hojjetamaa jiran kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa dirqama irratti bobba’eetti injifannoon ba’achaa jira kan jedhan ammo Pireezidaantii Ittaanaaa Naannoo Gaambeellaa Tankuweey Jooki.

Raayyaan Ittisa Biyyaa dhiibaa biyyaa keessaa fi alaa dhaabuufi birmadummaa isaa kabachiisuuf qabsoo olaanaa taasisaa jiraachuun aantummaa ummataa qabu mirkaneessaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment