Raayyaa Ittisa Biyyaa mana kitaabaa Abrihootiif kitaabota Birrii miiliyoona 1 olitti shallagaman gumaache

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)- Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa mana kitaabaa Abrihootiif kitaabota Birrii miiliyoona 1 olitti shallagaman gumaachuu ibsame.

Ministeerichi mana kitaabichaaf  kitaabilee baruufi barsiisuuf oolan kan Birrii miiliyoona 1tti shallagaman kuma 3fi 500 gumaachuu eerameera.

Kitaabilee kanneen Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay Daayrektara olaanaa mana kitaabichaa Injinar Wubayyahu Maammootti dabarsanii kennaniiru.

Kitaabileen kunneen dhaloota ijaaruuf kan gargaaraniifi qabiyyee garaagaraa kan qaban ta’uu Dooktar Abrahaam ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment