Finfinnee, Hagayya 23, 2013 (FBC)- Raayyaa Ittisa Biyyaa jajjabeessuuf deemsi miilaa Kiiloomeetira 5 magaalaa Gaambeellaatti deemame.
Gootichi Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf lubbuusaa bakka hin buufamne aarsaa gochaa waan jiruuf aantummaasaanii agarsiisuuf “Anis Biyyaa Kiyyaaf Raayyaa Ittisaati,Ityoophiyaa baraaruuf nan duula” yaada jedhuun deemsi miilaa Kiiloomeetira 5 magaalaa Gaambeellaatti deemameera.
Hirmaattonni kunneen kabaja Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf qabaniis agarsiisaniiru.
Preezdaantii itti aanaan naannichaa Obbo Teenkuweey Jook, hogganaan Waajjira paartii badhaadhinaa naannichaa,Obbo Laakdeer Laakbaak,komishnarri komishiinii Ispoortii naannichaa Obbo Taaydoor Chaambangiin dabalatee hooggantoonni olaanoon biroofi jiraattoonni magaalaatti hirmaachuu ragaan waajjira prees seekireetaariyaatii Naannoo Gaambeellaarraa argame ni mul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.