Raawwiin Hojii Kurmaana 1ffaa Kilaastera Bulchiinsaafi Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa qoratamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) – Raawwiin Hojii Kurmaana 1ffaa Kilaastera Bulchiinsaafi Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bakka Itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Argamanitti qoratamaa jiraachuu ibsameera.

Raawwiin hojii kurmaana 1ffaa seektaraalee Kilaasericha jala jiranii dhihaachuun irratti mari’atamaa jira jedhame.

Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii Kilaasterri kun itti gaafatamuummaa dachaa qabaachuu ibsaniiru.

Hojii hanga ammaatti hojjetameen osoo itti hin quufin yeroo itti aanan keessattis karooraa ol raawwachuuf karoora xiiqii milkeessuuf hojjechuun murteessaa ta’uu himuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment