Raawwii Karooraa 2016 Irratti Gaaffiilee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa Dhiyaatan

* Misooma Koriidarii naannawaa hundatti babal’isuuf hojiileen eegalaman yoo jiraatan akkamiin ibsama?

* Naannawaa horsiisee bultootaa fi kanneen birootti weerara busaa, gifiraa fi kanneen biroo babal’achaa jiru furuuf hojiileen hojjetamaa jiraan?

* Qaala’iinsa gatii qorichaa furuuf hoo hojiilee eegalaman maal fa’i?

* Hojiirraa olmaan Waliigaltee piriitooriyaa sadarkaa maaliirraa jira?

* Ijaarsa daandii geejjiba baaburaa hara Gabayaa Kombolchaa maalirraa ga’e?

* Akeektuuwwan guddina diinagdee gooroo akkamiin ibsama?

* Inisheetiiviiwwan eegalamaniin bu’aalee argamanii fi fayyadamummaa hawaasaa sadarkaa olaanaarraan ga’uuf hordoffiin mootummaa federaalaa maal fakkaata?

* Sosochiin indaastiraalaayizeeshinii fi rakkoolee damee maanufaakchariingii furuuf hojiilee hojjetamaa jiran maal fa’i?

* Xaa’oo bara oomishaa 2016/17’f bitameef hanqina naannawaa tokko tokkotti mul’atu hambisuuf maaltu hojjetamaa jira?

* Akka biyyaatti aadaa hojii fooyyessuu fi ilaalchaa hirkattummaa hambisuuf qooda fudhatootaarraa maaltu eegama?

* Rakkoo Malaammatummaa hidda gadi fageeffate furuuf mootummaan hangam kutannoo qaba? Tarkaanfiin qabatamaan fudhachuuf yaade maaltu jira?

* Qaamolee hidhannoon kutaalee biyyattii garaagaraa keessa socho’an waliin nagaa buusuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaa jiru ilaalchisee ibsi osoo kennamee?

* Hanqina baajataa mul’ataan guutuuf tarkaanfiiwwan mootummaan fudhatu jeequmsa diinagdee akka hinfidne of eeggannoon taasifamaa jiran maali?

* Cabiinsa barnootaa furuuf karooraa yeroo dheeraa sirna barnootaa qophaa’us rakkoolee kitaaba barnootaa fi barsiisotaa furuuf maaltu yaadame?

* Galii mootummaa guddisuuf gibira bu’uuraa fi sassabbii gibiraa ammayyeessuu ta’us, naannoleetti hanqina gama kanaan mul’atu sirreessuuf maaltu yaadame? Haqa qabeessummaa kaffaltii gibiraa sirreessuuf maaltu yaadame?

* Sarbama mirga namoomaa lammiileerra ga’aa jirurratti ibsa utuu kenname?

* Mootummaan amanamummaa ummataa argachuuf hojiilee hojjetaa jiru maali?

* Pirojektoota daandii, jallisii, bishaan dhugaatii, elektirikii mootummaa federaalaan eegalaman raawwiin isaanii bakka tokko tokkotti gadaanaa ta’uun komii kaasaa jira. Pirojektoonni eegalaman akka xumuramaniif kallattiin akka biyyaatti kaa’aman yoo jiraatan?

* Komishiniin marii biyyaalessaa raawwii hanga ammatti galmeessee abdii qabeessaa ta’us, qaamolee hidhatanii socho’an hirmaachisuuf maaltu yaadame?

* Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaan biyyota addunyaa waliin qabdu sadarkaa maalirraa jira? Walta’iinsaa fi hariiroo biyyootaa ollaa waliin jiruurrattis ibsii utuu kenname?

Comments (0)
Add Comment