“Raawwii hojii bara 2014 ‘n hooggansa qormaata kamuu keessatti hojii hojjetee milkeessuu danda’u hedduu horanneerra”-Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 17, 2014 (FBC) – “Raawwii hojii bara 2014’n hooggansa qormaata kamuu keessatti hojii hojjetee milkeessuu danda’u hedduu horanneerra jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Waltajjiin gamaggama raawwii hojii bara 2014fi qophii karoora bara hojii 2015 Paartii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Mootummaan naannichaa bara 2014 rakkoowwaanii fi qormaatilee mudatan gama tokkoon furaa gama biraan hojiilee misoomaa hojjechuun bu’aa galmeessuu ibsaniiru.

Injifannoon kunis aarsaa hoggansi naannichaa kaffaleen ta’uu hubachiisan Obbo Shimallis.

Fuulduratti, hanqinoota hooggansa biratti mul’atu, qisaasama yeroo, maallaqaa, humna namaa fi kanneen biroo furuun nageenya mirkaneessaa hojiilee misoomaa eegalaman itti fufsiisuurratti fuulleffachuun kan hojjetamu ta’uu eeran.

Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniin, naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuun imala badhaadhinaa dhugoomsuuf hirmaannaa dargaggootaa guddiisuurratti xiyyeeffatamuu akka qabu ibsan.

Bara hojii ittaanuus dandeettii fi hubannoo siyaasa hooggantootaa cimsuun, gurmaa’iinsa cimaa ijaaruurratti kan fuulleffatamu ta’a jechuu isaanii ragaan waajjira pireezidaantii naanichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment