Raashiyaan Yuukreen waliin mari’achuuf haal duree keesse

Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Raashiyaan Yuukreen waliin mari’achuuf haal dureewwan hojiirra ooluu qaban beeksifte.

Raashiyaan waldhabdee biyyoota lamaan gidduu jiru mariin furuuf qophii ta’uu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Sargee Laavroov ibsan.

Yaa ta’uutii Sababni ka’umsa walitti bu’iisichaa ka’uu akka qabuu fi mariinis dhugaa qabatamaa lafarra jiru agariisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Yuukreen hariiroo biyyoota biroo waliin qabduu fi deeggarsa argattu, akkasumas  ejjennoo niwukilaraa fayyadamuu ilaalchisee qabdu mirkaneessuu qabdi jedhan.

Kunis babal’ina NATO dabalatee sodaa biyyoonni Lixaa nageenya Raashiyaa irratti uumuu danda’an hambisuuf akka ta’e ibsuu Zyiiniwaan gabaaseera.

#Oromiyaa#Ethiopia

Comments (0)
Add Comment