Raashiyaan yaalii niwukilaraa taasifte

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC)- Raashiyaan shaakalaa misaa’elaa niwukilaraa baatuu taasisuu Kireemiliin beeksifte.

Yaalichis hoggansi loltummaa Moskoo fi qophaa’ummaa humnoota niwukilaraa tarsiima’oo gamaaggamaaf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Shaakalichi dameewwan loltummaa sadii kan hammate ta’uun kan eerame, shaakala misaa’ela furguggifamaa daangaa ce’aa, dooniiwwan galaanaa niwukilaraa hidhatanii fi boombiiwwan tarsiimawoo taasisuun ibsameera.

Shaakalichi kutaa Kibbaa biyyattiitti kan argamanii fi giddugala furguggisa daangaa’aa ce’aa raashiyaa Pileeski Kosmodiroom jedhamutti gaggeeffamuun himamera.

Yaaliin niwukilaraa taasifame fageenya kiiloomeetira kuma 5 fi 700 irratti kan argamu qiyyaafannaa isaa rukutuun ibsameera.

Shaakalicharratti Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin argamuu RT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment