Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Raashiyaan yaalii Misaa’ela Baalaastikaa Ardii qaxxaamuraa milkiin taasisuu Ministeerri Raayyaa Ittisaa biyyattii beeksise.
Misaa’elichi Kibba Raashiyaa Kaapuustiinii Yaarii ka’uun naannawaa Kaazaakiistaan Saarii Shaagaan milkiin qubachuu eerameera.
Kaayyoon yaalichaa guutumaa guutuutti milkiin xumuramuu Ministeerichi ibseera.
Yaaliin kun waraana Yuukreenii fi Raashiyaa gidduutti gaggeeffamaa jiru hordofee wayita waldhabdeen Raashiyaa fi NATO gidduu uumame cimaa dhufatti ta’uu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.