Raashiyaan waraana eeggataa ishee kuma dhibba 3f waamicha taasiisuufi

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Raashiyaan waraana eeggataa ishee kuma dhibba 3f waamicha taasiisuuf ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Sargee Shooyguun ibsan.

Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Putiin, Raashiyaatti ‘kakaasiin waraanaa gartokkeen’ akka gaggeeffamu ajaja laataniiru.

Putiin ibsa har’a laataniin kakaasiin waraanaa kun kanneen muuxannoo loltummaa qabanii fi humnoonni eeggataan waraana Raashiyaatti akka makaman ta’uu himaniiru.

Raashiyaan waraana Yuukreen biyyoonni lixaa hundi deeggaran keessa jirti jedhan.

Biyyattiin waraana Yuukreen dheerataa jiruuf humnoonni eeggataan Ajaja waraanaa biyyattiitti akka makaman murtoo Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyattii dabarse hordofee ta’uu himaniiru.

Haala qabatamaa jiruun murtoon darbe murtoo sirrii ta’uu Pireezidaanti Putiin ibsaniiru.

Kakaasichi saffisaan akka eegalu ajaja dabarsaniiru.

Biyyoonni Lixaa haala kanaan itti fufnaan Raashiyaan Niiwuklera dabalatee filannoo kamittuu ni fayyadamti jedhan.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Raashiyaa Sargee Shooyuguun waraana eeggataa kuma dhibba 3f waamichi kan taasiifamu ta’uu ibsuu RT fi Mooskoo Taayimsi gabaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment