Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Raashiyaan, Waashingitan deeggarsa waraanaa Yuukreeniif taasistu akka dhaabdu akeekkachiisuu gabaafame.
Deeggarsa meeshaalee waraanaa Ameerikaa fi michuuwwan ishee Yuukreeniif taasisan akka dhaabaan Raashiyaan akkeekkachiisuu gabaafameera.
Deeggarsa Yuukreeniif taasisan hin dhaaban taanaan nageenya naannawaa fi idil addunyaarratti rakkoon hin eegamne dhufuu akka malu ibsiteetti.
“Ameerikaan deeggarsa Yuukreeniif taasistu hin dhaabdu taanaan duub-deebiin hin eegamne kan ishee eeggatu ta’a” jechuun Raashiyaan dhaadachuu TRTn Washington Postn wabeeffachuun gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.