Raashiyaan waamicha dhukaasa dhaabuu Chaayinaa fudhatte

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Raashiyaan waraana Yuukreen waliin taasisaa jirtu akka dhaabduuf waamicha Chaayinaan taasifte fudhatte.

Ministirri Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov waraanni Yuukreen dhaabbachuun gara mariitti akka galamu ejjeennoo Chaayinaa dinqisiifataniiru.

Sargee Laavroov gita isaanii Chaayinaa Waang Yuu waliin Mooskootti mari’ataniiru.

Ibsi ejjennoo kunis rakkoo nageenyaa qaama hunda tilmaama keessa galche ta’uu Ministeerri Alaa biyyattii ibseera.

Chaayinaan Baatii Gurraandhalaa darbe Raashiyaan Waraana Yuukreen dhaabuun gara mariitti akka deebitu ibsa ejjennoo baaftee turuun kan yaadatamuudha.

Waangi Yuun walga’ii waggaa biyyoota lamaan gidduutti gaggeeffamurratti hirmaachuuf Wiixata gara Mooskootti imaluun gabaafameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment