Raashiyaan, tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf taasisaa jirtu nan deeggara jette

Raashiyaan, tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf taasisaa jirtu nan deeggara jette

Finfinnee, Guraandhala 13, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen Jila Ministira Misooma Dinagdee fi Daldalaa Federeeshinii Raashiyaa Maaksim Reshetnikoviin durfamu waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo dippiloomaasiifi daldalaa jaarraa lakkoofsise qabaachuu Dooktar Kaasahuun kaasaniiru.

Hariiroo seena qabeessa kana akkaataa caalmaatti cimsuun danda’amuratti mari’achuu isaanii Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Misooma Dinagdee fi Daldalaa Federeeshinii Raashiyaa Maaksim Reshetnikoviin gaman isaaniin rifoormii as jijjiirama Itiyoophiyaa keessatti galmaa’e dinqisiifataniiru.

Hariiroon daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru guddachaa dhufuu eeruun, bara 2024tti Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 89 gahuu himaniiru.

Tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf taasisaa jirtu deeggaruuf waadaa galaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment