Raashiyaan tattaaffii Ankaaraan Jeettii waraanaa haaraa oomishuuf taasiftu deeggaruuf qophii ta’uu beeksifte

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Raashiyaan tattaaffii Ankaaraan Jeettii waraanaa haaraa dhaloota 5ffaa oomishuuf taasiftu deeggaruuf qophii ta’uu beeksifteerti.

Miseensa NATO kan taate Mooskoon tattaaffii Turki Jeettii waraanaa haaraa dhaloota 5ffaa akka oomishtuuf deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu Itti gaafatamaan tajaajila Tumsa Teekinika Waraanaa Raashiyaa Diimitirii Shuugaayeev dubbataniiru.

Proojektii kana ilaalchisee Mooskoon yeroo ammaa Ankaaraa waliin marii taasisaa jiraachuu ibsameera.

Turkitti dura taa’aan Indaastiriiwwan Raayyaa Ittisaa Ismaa’eel Daamiir Ankaaraan diizaayinii jeettiiwwan waraanaa kanneen ilaalchisee biyyoota michoota ishee waliin tumsaan hojjechuu kan barbaaddu ta’uu ibsuu isaanii RTn gabaaseera.

Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin bara Faranjootaa 2019 jeettii waraanaa ammayyaa dhaloota 5ffaa miil’uu raadaarii ala  hogganamu SU-57 jedhamu Preezdaantii Turkii Rajiip Xaayip Erdoowanitti agarsiisuun isaanii kan yaadatamudha.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment