Raashiyaan sarara daddabarsa midhaan Nyaataa Galaana Gurraacha cufte

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC) – Raashiyaan, Yuukreen Oomishaalee ishee gara alaatti akka hin argine sarara daddabarsa midhaan Nyaataa buufata Galaana Gurraacha cufuu beeksiifte.

Mooskoon Yuukreen maallaqa Gurgurtaa miidhaan nyaatarraa argattu tajaajila waraanaaf oolchaa jirti jechuun buufata kana cufuu ibsiteerti.

Sanbata darbe xiyyaaroonni nama maleessi Yuukreen dooniwwan Raashiyaa Buufata Galaanaa Gurraacharra socho’aa turanirratti haleellaa raawwachuu Waraanni Raashiyaa beeksiseera.

Dooniwwan kunneen sosochii Galaana Gurraachaa to’achaa kan turan yoo ta’uu, haleellaa irratti raawwatameen miidhamuu ibsameera.

Haleellaa raawwate hordofee balbala kanarratti sosochii kamuu taasiisuun kan hin danda’amne ta’uu Raayyaan Ittisaa Raashiyaa beeksiseera.

Yaa ta’uutii Yuukreen rakkoo uumteef furmaata hanga laattuutti sararri kun cufaa ta’ee akka turu Raashiyaan ibsiteerti.

Aanga’oonni Yuukreen Raashiyaan dhimmicharratti waliigaltee mallatteessite kabajuu akka qabdu hubachiisuu RT gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment