Raashiyaan NATOn adeemsa Dippiloomaasii biroorraatti akka xiyyeeffatu hubachiifte

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – NATOn adeemsa daangaa babal’ifannaa gara Bahaatti taasiisu dhaabuun adeemsa Dippiloomaasii biroorraatti akka xiyyeeffatu Preezdaantiin Raashiyaa vilaadmeer Puutiin hubachiisan.

Raashiyaan Misaa’eela Haypesooniik oomishaa jiraachuu fi Sodaa nageenyaa Yuukreen walqabatee jiru kamiifiyyuu Biyyoota Lixaaf deebii kan laattu ta’uu ibsiteerti.

Raashiyaan waraana ishee gara daangaa Yuukreenitti dhiyeessaa jiraachuu hordofee Ameerikaa fi Biriitaaniyaan Yuukreenirraati haleellaa raawwachuu dandeessi jechuun sodaa keessa galuu ibsameera.

NATOn ammoo dhimmicharratti Raashiyaan ibsa akka laattu gaafateera.

Gama biroon Ministirri alaa Raashiyaan Sargeey Laavroov NATOn meeshaa waraanaa gara daangaa Raashiyaatti siiqsaa jira jechuun gamticha himataniiru.

NATON dhiibbaa Raashiyaarratti raawwachaa jiru cinaatti biyyoonni lixaa Chaayinaan Sodaa nageenyaa taati yaada jedhan kan hin fudhannee fi seera idil addunyaas kan faallessu ta’uu Preezdaant Putiin ibsaniiru.

Chaayinaa shororkeessuuf Gamtaa Ameerikaa, Yuunaayiitid Kiing Damii fi Awustiraaliyaan uumaan balaaleffataniiru.

Maddi:- CGTN

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment