Raashiyaan marii nageenyaa Yuukireen waliin taasisuuf abdii hinkutattu-Putiin

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC)- Raashiyaan marii nageenyaa Yuukireen waliin taasisuurraa abdii hinkutattu jechuun Pireezidaanti Vilaadmiir Putiin dubbatan.

Pireezidantiin Raashiyaa Putiin walga’ii biyyootaa Garee 20’n (G20) irratti ergaa viidiyoon dabarsaniin, Raashiyaan yaaliiwwan waliigaltee nageenyaa fudhatamaa dhabsiiste hinqabdu jedhan.

Faallaa kanaan Kiyeev Moskoo waliin mari’achuuf balbala cufachuu hubachiisan.

Biyyoota lameen gidduutti waraana mudateen taateewwan gaddisiisoon uumamuu kan kaasan Putiin, waraanicha akkamiin dhaabsisuun akka danda’amu itti yaaduu qabna jechuun eeraniiru.

Raashiyaan marii nageenyaa Yukireenirraa dhiyaateef fudhatama hindhabsiisne jedhanii, ta’us, Pireezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin Raashiyaa waliin waliigaltee nageenyaa akka hintaasifne seera raggaasisu mallatteessaniiru jedhan.

Bara darbe Pireezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin, Vilaadmiir Putiin Pireezidaantii Raashiyaa ta’anii hanga turanitti marii nageenyaa kamuu akka hintaasifne seera raggaasisu mallatteessuun ni yaadatama jechuun RT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment