Raashiyaan magaalaa Maaripooliin to’achuu beeksifte

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Raashiyaan magaalaa Maaripooliin guutuumaa guutuun to’achuu beeksifteetti.

Ministirri Ministeera raayyaa ittisa biyyaa Raashiyaa Sargeey Shooyguu akka ibsanitti, buufata waraanaa Raashiyaa kan taatee magaalaan Maaripool guutuumaa guutuun to’achuu Preezdaantii Vildaamiir Puutiiniif ibsaniiru.

Yaa ta’u malee loltoonni Yuukreen kumni 2 ol ammallee dhiheenya magaalichaatti kan argamu warshaa sibiilaa Azoovsititaal keessatti da’achuun waraanaa jiraachuu ibsameera.

Raashiyaan Baatii Bitootessaa yeroo jalqabaatiif magaalaa Maaripool wayita to’attu loltoonni Yuukreen, loltoonni alaa mindeeffamoo fi hidhattoonni biyyoolessaa kumni 8 fi 100 magaalitti da’atanii akka turan hubachiisaniiru.

Ministirichi dabalatan Warshaa Sibilaa Azoovsititaal naannoo magaalaa Maaripool to’achuuf guyyoota 3 hanga 4  fudhachuu akka danda’uu himaniiru.

Magaalichatti loltoonni kumni 1 fi 400 hidhannoo isaanii hiikaa kan jiran yoo ta’u, lammiileen kumni dhibbi 1 fi kumni 42 ammoo waraanaa Raashiyaa hordofee magaalitti gadi lakkisanii ba’aa jiraachuu RT gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment