Raashiyaan Ityoophiyaatti warshaa Sibiilaa dhaabuu akka barbaaddu ibsite

Finfinnee,Gurraandhala 16, 2014 (FBC) – Raashiyaan Ityoophiyaatti warshaa sibiilaa dhaabuu fi muuxannoo qabdu qooduu akka barbaaddu ibsite.

Jilli bakka bu’aa dhimmoota albuuda sibiilaa Raashiyaa Sameenoov Viiktariin durfamu Ministira Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaan misooma waaraa fi aadaa diimokiraasii dhugoomsuuf akkasumas hiyyummaa keessaa bahuuf imaammata qindaa’aa biyyaalessaa fi istiraateejii bocce hojiirra oolchaa jiraachuu Obbo Malaakuu Allabal jilichaaf ibsaniiru.

Fuuldurattis diinagdee qonnaan durfamu gara diinagdee indaastiriin durfamuutti ceesisuuf dadhabne osoo hin jedhiin ni hojjenna, haalota mijatoo uumuun abbootiin qabeenyaa biyyoota alaa maallaqa  isaanii Ityoophiyaatti akka dhangalaasaniif hojjechaa jirra jedhaniiru.

Istiraateejiin diinagdee Ityoophiyaa indaastiriiwwan filannoo gabaa bal’aa qabanii fi lammii humna isaan hojjetee jijjiiramuu barbaadu akka galteetti fayyadaman kan jajjabeessu ta’uu kaasaniiru.

Indaastiriiwwan kunneen oomishaalee qonnaa akka galteetti fayyadamuun oomishaaleen oomishan gabaa alaaf kan dhiyaatan ta’uu fi kanaan dura oomishaalee alaa galan bakka kan bu’an obbo Malaakuun ibsaniiru.

Raashiyaa fi Ityoophiyaan hariiroo michoomaa wal amantaa fi faayidaa waloorratti hundaa’e kan qaban ta’uu fi fuuldurattis Raashiyaa waliin hojjechuuf fedhii kan qabdu ta’uu eeraniiru.

Raashiyaan oomisha sibiilaan sadarkaa duraarra jiraachuu fi diinagdeen ishee daldala al-ergii sibiilaan kan durfamu ta’uu Sameenoov Viiktariin ibsaniiru.

Raashiyaan damee albuuda sibiilaan injinarootaa fi humna nama baratee hedduu kan qabduu ta’uu fi Ityoophiyaatti warshaa sibiilaa dhaabuu fi muuxannooshee qooduu kan barbaaddu ta’uu eeraniiru.

Sameenoov Viiktar gamasaaniin Ityoophiyaan bakka istiraateejii murteessaarratti kan argamtu ta’uusheetiin gabaa alaa harkisuuf carraa gaarii kan qabdu ta’uu ibsuu isanii ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment