Raashiyaan Ityoophiyaatti hojii deebisanii ijaaruu kan deeggartu ta’uu ibsite

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Raashiyaan Ityoophiyaatti sababa waraanaan miidhaa qaqqabe hojii deebisanii ijaaruu kan deeggartu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Evgeenii Teereekhiin ibsaniiru.

Deeggarsa barbaachisu taasiisuuf hamma miidhaa qaqqabee fi wantoota bu’uuraa beekuuf tattaaffii kan taasiiftu ta’uu dubbataniiru.

Miidhaa bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbileerra ga’e deebisanii ijaaruuf tattaaffii taasiifamu kan deeggaran ta’uu eeraniiru.

Biyyi isaanii deeggarsa barbaachisu taasiisuuf gabaasaa waliigalaa hamma miidhaa qaqqabee mootummaa Ityoophiyaarraa eeggachaa jiruu Ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Ityoophiyaan rakkoo ishee muudate akka ceetu deeggarsa qabatamaa kan taasiisan ta’uu himaniiru.

Hariiroon damee Siyaasaa, Diinagdee, qabeenyaa, Barnootaa fi Fayyaa Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru guddachaa dhufuus eeraniiru.

Raashiyaan giddu seentummaa dhimma keessoo Ityoophiyaarratti taasiifamu mormuu kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment