Raashiyaan Itiyoophiyaaf deeggarsa qamadii taasifte odeeffannoon jedhu dogoggora ta’uun ibsame

Finfinnee, Amajjii 2, 2017 (FMC)- Raashiyaan  godaantota Sudaan Kibbaa Gaambeellaatti argamaniif kan oolu, biyyoota garagaraarraa kan walitti qabamee deeggarsa Sagantaan Nyaataa Addunyaaf taasise, ‘Itiyoophiiyaaf deeggarsi taasifame’ jedhamuun odeeffannoon dogoggoraa tamsaafamaa jira.

Mootummaan Raashiyaa akka beeksisetti, Sagantaa Nyaataa Addunyaaf deeggarsa taasise Qamadii Toonii kuma 1 fi 632 Itiyoophiyaa ga’eera kan jedhuudha.

Dhugaan jiru kana ta’ee utuu jiru miidiyaalee tokko tokkoo fi miidiyaalee hawaasaan odeeffannoon tamsa’aa jiru dhara ta’uun mirkanaa’eera.

Deeggarsi Raashiyaa wayita Adamaa qaqqabu, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Ivgeenii Tarkihiin argamuun Itiyoophiyaatti Daayrektara Sagantaa Nyaataa Addunyaa waliin walharkaa fuudhiinsa taasisaniiru.

Sagantaan nyaataa Addunyaa, godantota Sudaan Kibbaa Gaambeellaatti argaman sababa hanqina maallaqaan deeggarsa namoomaa %60 argachaa akka turan ibsameera.

Deeggarsa qamadii Raashiyaan taasiftes tumsa olaanaa akka ta’u beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment