Raashiyaan Itiyoophiyaa waliin damee barnootarratti tumsaan hojjechuu akka itti fuftu ibsite

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Raashiyaan Itiyoophiyaa waliin damee barnootaarratti tumsaan hojjechuu cimsite akka itti fuftu ibsite.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan jila Ministira Ministeera Barnootaa Raashiyaa fi dhaabbiilee Qorannoo Barnootaa irraa walitti baba’an waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis, walta’iinsa barnoota fi leenjiin biyyoota lameen giddu jirurratti kan xiyyeffate ta’uun ibsameera.

Sirna barnootaa Itiyoophiyaatti hojiirraa oolaa jirurratti Pirofeesar Birhaanuu Naggaan ibsa laataniiru.

Ministeerri Barnootaa Raashiyaa fi Itti Gaafatamaan Walta’iinsa Idil Addunyaa fi Harirroo Ummataa Usmaan Abdulazviik gama isaaniin, Raashiyaan Itiyoophiyaa waliin walta’iinsa barnootaa fi leenjii qabdu sarakaa olaanaatti ceesisuuf fedhii qabaachuu mirkaneessaniiru.

Yeroo ammaas biyyoota gidduutti waliigaltee barnootaa fi leenjii fooyyessuu fi haaromsuun barbaacisaa ta’uu dubbachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Biyyoonni lameenis walta’iinsa barnootaa qaban haaromsuuf hojiilee hafan gama dippilomaasiin raawwachuuf waliigalteerra ga’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment