Raashiyaan hoggantoota Gamtaa Awurooppaarra qoqqobbii keesse

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) –Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa gara Raashiyaa akka hin seenne dhorkamuu Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa beeksise.

Qoqqobbiin hoggantoota gamtichaarra kaa’ame Waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen hordofee qoqqobbii biyyoonni lixaa Raashiyaarra kaa’aniif deebii kennuuf ta’uu Ministeerichi beeksiseera.

Qoqqobbichi komishinaroota fi hoggantoota olaanoo Gamtaa Awurooppaa, miseensota Paarlaamaa Awurooppaa ejjennoo faallaa imaammata Raashiyaa tarkaanfachiisanii fi hoggantoota olaanoo gamtichaarratti hojiirra kan oolu ta’uu CGTN gabaaseera.

Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen hordofee Raashiyaarra qoqqobbii hedduu kaa’uun isaanii kan yaadatamudha.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment