Raashiyaan Hariiroo Ityoophiya waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Raashiyaan hariiroo gamlamee fi hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsitee itti fufuuf fedhii qabaachuu ibsiteerti.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Yiviigeenii Tarakiin waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo gamlamee fi hunda galeessaa Ityoophiyaa fi Raashiya giddu jiru fi Yaa’ii dureewwaan Raashiyaa –Afrikaa gaggeeffamurrattii xiyyeeffachuun mari’achuu ibsameera.

Ambaasaaddar Misgaanuun, Mootummaan Raashiyaa hojii misooma Qonnaa Itiyoophiyaan wabii nyaataan of danda’uuf hojjechaa jirtu akka tumsitu gaafataniiru.

Ambaasaaddar Yiviigeenii Tarakiin gamasaaniin,Raashiyaan hariiroo hundagaleessaa fi dhimmoota waloorratti waloon hojjechuuf murannoo qabaachuu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment