Raashiyaan hariiroo Afrikaa waliin qabdu cimsuuf hojjechaa jirti jedhame

Finfinnee,Sadaasa, 5 2015,(FBC)- Raashiyaan hariiroo Afrikaa waliin qabdu daran cimsuuf hojjechaa jiraachuu Ittaanaan Ministira Ministeera Dhimma Alaafi Gorsaan Pireezidaantii Biyyattii ibsan.

Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamaayyahu Taganuun Ittaanaa Ministira Ministeera Dhimma Alaafi Gorsaa Pireezidaantii Raashiyaa Mikaa’eel Boogdaanoov waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Alamaayyahu, waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffame, dhiyeessii deeggarsa namoomaa mootummaan naannoo Tigraayitti taasisaa jiruufi hojii bu’uuraalee misoomaa deebisanii dhaabuurratti ibsa laataniiru.

Mikaa’eel Boogdaanoov gamasaaniin, Afrikaanonni rakkoolee isaanii dandeettii isaaniin furuun kan jajjabeeffamuufi deeggaramuu akka qabu ibsuu ragaan Mooskootti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Raashiyaan hariiroo Afrikaa waliin qabdu daran cimsuuf sochii taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddicha ilaalchisee addunyaan dhugaa jiru hubachaa jiraachuu eeruun, dhimmisaa mariin akka furamuuf amantaa qabaachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment