Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin haala waraana Raashiyaa – Yuukreen dhaabuun danda’amurratti bilbilaan mari’ataniiru.
Raashiyaan baatii tokkoof waraanni guutummaatti akka dhaabbatu yaada dhiyaate kan hin fudhanne ta’uu ibsiteerti.
Yaa ta’uutii haleellaa bu’uuraalee misooma dhaabbilee Inarjiirratti raawwattu dhaabuuf waliigalteetti.
Raashiyaan guutummaatti waraana kan dhaabdu deeggarsi waraanaa fi odeeffannoon basaasummaa biyyoota alaan Yuukreeniif godhamu guutummaatti yoo dhaabbate qofa ta’uu Pireezidaanti Putiin maricharratti ibsaniiru.
Marii gaarii fi bu’aa qabeessa taasiifneerra jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Haleellaan bu’uuraalee misooma Inarjiirratti raawwatu saffisaan akka dhaabatu waliigalleerra jedhan.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu guutuurraa gahuuf hojjechuun murteessaa ta’uu mari’achuu isaanii himuu BBC’n gabaaseera.
Haleellaa Bu’uuraalee misooma Inarjiirratti raawwatamu dhaabuuf waliigaltee Raashiyaa fi Ameerikaan taasisan kan fudhatan ta’uu Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zelaniksiin ibsaniiru.
Yaa ta’uu Qabiyyee waliigaltichaa guutuu isaa beekuun barbaada jedhan.
#Oromia #Ityoophiyaa