Raashiyaan haala kamiiniyyuu Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbattu ta’uu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Raashiyaan haala kamiiniyyuu Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbattu ta’uu ibsite.
Koreen dhaabbii hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa jila Raashiyaa Ambaasaaddar Eevgiinii Teereekhiiniin durfamu koree michummaa waliin marii gaggeessera.
Marii taasiifameen Raashiyaan haala kamiiniyyuu Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbattu ta’uu ibsameera.
Ambaasaaddara Eevgiinii Teereekhiin hariiroo biyyoota lamanii waggoota 120 ol lakkoofsise caalmaatti cimsuu akka barbaadan eeraniiru.
Walitti qabaan koree dhaabbichaa Dooktar Nagarii Leenchoon gama isaaniin hariiroo biyyoota lamaanii bara dheeraa lakkoofsise caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Duulli olaantummaa seeraa Ityoophiyaan yeroo ammaa naannoo Tigraayitti raawwachaa jirtu waraanaa osoo hin taane hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nagaa buusuu akka ta’e ibsaniiru.
Raayyaan Ittisaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu eegale yeroo gabaabaa keessatti xumuruun nageenyi biyyattii iddoo duraatti kan deebi’u ta’uu hubachiisaniiru.
Dhimma kana ilaalchisee Raashiyaan yaaddoo kamiiyyuu keessa galuu akka hin qabne yadachiisaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii kallattii hundaan cimsuuf koreen michuumma kun giddugala xiyyeeffannoo ta’uu akka qabu eeruu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatarraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment