Raashiyaan guyyaa injifannoo waraana Naazii Jarmanii itti injifatte kabajaa jirti

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Raashiyaan waggaa 77ffaa   guyyaa injifannoo waraana Naazii Jarmanii itti injifatte kabajaa jiraachuu gabaafameera.

Raashiyaan Waraana Addunyaa 2ffaan injifannoo Naazii Jarmanii fi deeggartoota isheerratti goonfatte guyyaa injifannoo kabajaa jiraachuu ibsameera.

Kabaja guyyaa injifannoo kanarratti raayyaan ittisaa biyyattii magaalaa Mooskootti agarsiisa garaagaraa dhiyeessaa jira.

Taankiin waraanaa T-14, Miisaa’elli ittisaa qilleensaa S-400  fi meeshaaleen waraanaa gurguddoon ayyaanicharratti dhiyaataniiru.

Preezdaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiinii fi Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa Sargeey Shooyiguun guyyaa yaadannoo kanarratti kan argaman ta’uu RTn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment