Raashiyaan guyyaa Injifannoo ishee waggaa 78ffaa kabajaa jirti

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Raashiyaan waraana addunyaa 2ffaarratti guyyaa Naazii Jarman itti injifatte waggaa 78ffaa kabajaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaa injifannoo Addabaabayii Diimaa Mooskootti kabajama jiru kanarratti hoggantoonni biyyoota qaama Gamtaa biyyattii turan garaagaraa argamuu eerameera.

‘Humna Waraanaa keenya caalaa wanti jaallannu hin jiru’ jedhan Pireezidaantiin Raashiyaa sirnicharratti haasawa taasiisaniin.

Duulli Raashiyaan Yuukreenirratti eegalte dhimma birmadummaa biyyaattii ta’uu kaasaniiru.

Addunyaan jijjiirama siyaasaarratti kan argamu ta’uu eeruun, Humnoonni waraanaa biyyattii egeree Raashiyaa murteessuuf gootummaan qabsaa’aa jiraachuu dubbataniiru.

Gochaa shororkeessummaa nurratti raawwatamuuf ture fashaleessineerra jedhan.

Jiraattoota Doonibaas ni eegna, nageenya keenya ni mirkaneessina jechuun dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment