Raashiyaan gaazii Poolaandii fi Bulgaariyaaf dhiyeessitu adda kutte

Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Raashiyaan gaazii Poolaandii fi Bulgaariyaaf dhiyeessitu adda kutuu ishee beeksifteetti.

Dhaabbanni gazii guddichi Raashiyaa Gaazporoom akka beeksiseetti, dhiyeessiin gaazii Raashiyaarraa gara Poolaandii fi Bulgaariyaa ergamaa ture har’arraa eegalee adda citeera.

Dhiyeessichi adda kan citeef biyyoonni kunneen maallaqa biyyaa keessaa Raashiyaa (Rubiil) fayyadamuuf eeyyamamoo ta’uu dhabuuni jedhameera.

Preezdaant Vildaamiir Putiin gurgurtaan boba’aa fi zayitaa Rubiiliin akka raawwatuuf kan murteessan hanga hin kabajamneetti dhiyeessichi adda cite akka turu beeksisaniiru.

Maddi:-RT

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment