Raashiyaan Doonbaasiin bilisa baasuutti fuulleffachuu aanga’oonni waraanaa biyyattii beeksisan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC)- Raashiyaan Doonbaasiin bilisa baasuutti fuulleffachuu aanga’oonni waraanaa biyyattii beeksisan.

Kaayyoon Raashiyaa inni duraa Doonbaasiin bilisa baasuu akka ta’e anga’oonni waraanaa biyyattii ibsaniiru.

Yeroo ammaa humni waraanaa Yuukreen Raashiyaaf sadarkaa yaaddoo ta’an irra kan hin jirre ta’uu fi xiyyeeffannoon isaanii Doonbaasiin bilisa baasuu akka ta’e Koloneel Jeneraal Sargee Ruudiskooy ibsaniiru.

Xiinxaltoonni dhimmicha hordofaa turan akka jedhanitti dhumni waraana biyyoota lameenii garamitti akka adeemu beekuun ulfaataa ta’us karoorri Raashiyaan Doonbaasiin bilisa baasuuf jettee kaate injifatamuu ishee haguuguu fi humna ishee irra deebiin gurmeessuuf akka ta’e kaasu.

Meeshaaleen waraanaa Ameerikaa fi biyyoota biroo gara Yuukreen gala jiraachuu hordofee humni waraana Raashiyaa muddama keessa jiraachuu himameera.

Bakkeewwan tokko tokkotti humni waraanaa Yuukreen sadarkaa qolachuurra darbee gara haleellaatti ce’uu ragaan mul’isu jiraachuu  anga’oonni Ameerikaa ibsaniiru.

Jalqaba turban kanaa humni waraanaa Yuukreen naannoo  qarqara garba gurraachaatti doonii Raashiyaa haleeluu himameera.

Preezdaantiin Yuukreen Vooldiimiir Zeeleeniskiin waliigaltee uumuu fi muddama biyyoota lameen gidduu jiru tasgabbeessuuf fedhii kan qaban ta’uu ibsanis Yuukreen nageenyaaf jettee lafti isheen kennitu kan hin jirre ta’uu yaadachiisuu isaanii Aljeezraan gabaaseera.

Kabaja birmadummaa biyyasaanii uummata isaanii waliin ta’uun kan kabachiisan ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment