Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC) – Cheek Sanbata darbe dippiloomatoota Raashiyaa 18 arii’uushee hordofee Raashiyaanis dippiloomatoota Rippaabiliika Cheek 20 arii’uun deebii laatteerti.
Dippiloomaatoonni Raashiyaa arii’aman kunneen dhoksaadhaan kanneen hojii basaasummaa hojjetaniiidha jedhan qaamoleen Nageenyaa Cheek.
Namoonni Cheek ariite kunneen bara Faranjootaa 2014tti kuusa waraanaa tokkorra haleellaa qaqqabe keessaa harka qabu jechuuni jedhame.
Ministeeroonni Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa guyyaa wiixataa dhimmicharratti ni mari’atu jedhameera.
Raashiyaan dippiloomatoonni Rippaabliik Cheek guyyaa tokkootti Mooskoo gadi lakkisaanii akka ba’an kan ajajje yoo ta’u; Rippaabliikni Cheek immoo dippiloomatoonni Raashiyaa sa’aatii 72 keessatti Cheek gadi lakkisanii akka ba’an ajeja dabrsiteetti.
Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa murteen Cheekii kan hin eeggamnee fi murtoo lola kaasuudha jedheera.
Ministeerichi ibsa baaseen akka eereetti; qoqqoobbii yeroo dhiyoo Ameerikaan Raashiyaarra keesse hordofee aangoonni Cheek Ameerikaa gammachiisuuf murtee kana fudhatan jedhe.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.