Raashiyaan dippiloomaatoonni biyyoota garaagaraa 10 Mooskoo akka ba’an ajejje

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Raashiyaan dippiloomaatoonni biyyoota garaagaraa 10 sa’aatii 72 keessatti Mooskoo gadi lakkisanii akka ba’an ajejuu ishee dhaga’ame.
Dippiloomaatoonni kunneen maqaa gaarii Mooskoo xureessuuf wayita socho’achan argamuu isaanii hordofee tarkaanfii fudhatame ta’uu ibsameera.
Dippiloomaatoonni Mooskoo akka ba’an ajejaman hojjettoota Imbaasii Istooniyaa 3, Laatiiviiyaa 3 fi Liiwutiniyaa 4 ta’uu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaarraa argame ni muul’isa.
Waraanaa Raashiyaa fi Yuukreen hordofee hariiroon Raashiyaa fi biyyoota Lixaa gidduu jiru daraan hammaachaa dhufeera.
Sababa kanaan Biyyoonni Awurooppaa hedduun Dippiloomaatoota Raashiyaa ari’anii turan.
Torbee kana Poolaandi Dippiloomaatoota Raashiyaa basaasummaan shakkite 45 biyya ishee kan baafte yoo ta’uu, Beeljiyeem, Ayarlaandii fi Neezarlaand walii gala dippiloomaatoota Raashiyaa 40 ol biyya isaanii baasuu TRn gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment