Raashiyaan dhaabbilee waraanaa Yuukreen 70 ol barbadeessuu ibsite

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) –Raashiyaan dhaabbilee waraanaa Yuukreen 70 ol barbadeessuu ifoomsite.

Mooskoon dhaabbilee ajaje humna qilleensaa 11 dabalatee dhaabbilee waraanaa Yuukreen 70 ol barbadeessuu Dubbii Himaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa Igoor Koonaasheenkoov ibsaniiru.

Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Doonbaasitti duula addaa eegalchiisuun isaanii kan yaadatamuudha.

Hanga ammatti humni Qilleensaa Raashiyaa haleellaa raawwateen dhaabbileen waraanaa Yuukreen 74 barbadaa’uu Igoor Koonaasheenkoov beeksiisaniiru.

Ajajawwan humna Qilleensaa 11, Buufataalee Raadaarii farra humna qilleensaa 18 fi giddu galli Komaandi Poostii waraanaa 3 dhaabbilee barbadaa’aan keessatti kan argaman ta’uu ibsameera.

Yeroo ammaa Ajaje humna Qilleensaa dhiyeenya Keeyivitti argamu to’achuuf waraana biyyoota lamaanii giddutti lolli guddaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Yuukreen gama isheen Heeliikooptarii balali’aa turee 1 fi xiyyaarota Raashiyaa 5 haleeluu ibsiteerti.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment