Raashiyaan deeggartoota uggura Ameerikaatti boba’aa koo hinkennu jette

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC)– Raashiyaan biyyoota daangessa gatii boba’aa Ameerikaan dhiyaate deeggaraniif boba’aa ishee akka hindhiyeessineef beeksiste.

Dhiyeenya marii ‘Gareewwan Torban’ gaggeeffamee hordofee Ittaanaa Muummee Ministiraa Raashiyaa Aleeksaandar Noovaak deebii kennaniiru.

Garechi Ameerikaa dabalatee, Ingiliiz, Kanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii fi Jaappaan hirmaachisuun kan yaadatamuudha.

Ittaanaa Muummee Ministiraa, biyyoonnii fi dhaabbileen daangessa gatii boba’aa Ameerikaadhaan dhiyaate deeggaraniif zayiita boba’aa hindhiyeessinuuf jedhan.

Daangessa gatii boba’aa kanas yaada fudhatamaa hinqabne jechuun kuffisaniiru.

Ameerikaan galii zayiitaa boba’aa ishee miidhuu fi gatii dhiyeessii annisaa addunyaarratti babal’achaa dhufe hir’isuuf boba’aa Raashiyaarratti daangessa gatii kaa’uuf yaadaa dhiyeessiteetti jechuun CGTN gabaaseera.

Ameerikaan gama isheen fooyyessi gatii qaala’iinsa gatii duraa dhaabbachuuf murteessaa ta’uu eeruun, kunis yaa’iinsa boba’aa tasgabbaa’aa gabaa addunyaatti gatii gadaanaan dhiyeessuuf gargaaraa jedhaniiru.

Noovaak gama isaaniin, oomishtoonni boba’aa baatii Muddee qoqqobbii boba’aa Gamtaa Awurooppaa hojiirra oolchuuf qopha’aa jiraachuu dubbataniiru.

Raashiyaan hamma zayiita boba’aa alatti ergitu baatii Waxabajjii hanga Hagayyaatti hir’isuun ishee ni yaadatama.

Ministiroonni Maallaqaa biyyoota garee torban jedhamanii Jimaataa walarguun ni mari’atu jedhamee eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment