Raashiyaan Booris Joonsan dabalatee aanga’oota olaanoo Ingiliz 10 gara biyyashee akka hin seenne dhorkite

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Raashiyaan Muummee Ministiraa Ingiliz Booris Joonsan dabalatee aanga’oota olaanoo Ingiliz 10 gara biyyashee akka hin seenne dhorkuu gabaafame.

Biyyattiin murtoo kana kan dabarsite waraana Raashiyaa fi Yuukreeniin Ingiliz Raashiyaa akka diinaatti ilaaluu hordofee ta’uu ibsameera.

Raashiyaan Muummee Ministiraa Ingiliz Booris Joonsan dabalatee Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ingili Liiz Truusan, Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Been Waalaasii fi anga’oota olaanoo biyyatti biroorra dhorkii kaa’uu gabaafameera.

Waraana Raashiyaa fi Yuukreen hordofee Ingiliz Raashiyaarra qoqqobbiiwwan garaagaraa kaa’aa turuun ishee kan yaadatamudha.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment