Raashiyaan biyyoota idaa isaanii Ruubiliin kaffaluu qaban Diina jechuun moggaaste ifoomsite

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Raashiyaan biyyoota idaa isaanii Ruubiliin kaffaluu qaban Diina jechuun moggaafte ifoomsiteerti.

Raashiyaan biyyoota Awurooppaa 27 dabalatee Moonaakoo, Isiwiizarlaand, Noorweey, Ayislaand, Saan Mariinoo, Ameerikaa, Ingiliz, Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa, Niwuzlaand, Siingaapoor, Taayiwaanii fi Maaykirooneezhiyaa diinummaan moggaafteerti.

Akkasumas Albaaniiyaa, Moonteeneegiroo fi Meekdooniyaa Kaabaas biyyoota diina jechuun moggaafte keessaa isaan biroo ta’uu ibsameera.

Biyyoonni kunneen idaa ofirraa qaban kamiiyyuu sirna Baankii biyyattii hordofuun Maallaqa biyyattii Ruubiliin akka kaaffalan mootummaan Raashiyaa gaafateera.

Kana booda waliigalteen dhaabbilee kamiiyyuu waliin taasiifamu mootummaa Raashiyaarraa eeyyama argachuu akka qaban murtaa’uu Iwuraak TV gabaaseera.

Biyyoonni Lixaa qoqqoobbii Raashiyaarra kaa’aan hordofee gatiin Ruubil daraan gadi bu’uun kan yaadatamuudha.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment