Raashiyaan biyyoota Afrikaaf xaa’oo bilisaan dhiyyeessuufi

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Raashiyaan biyyoota Afrikaaf xaa’oo bilisaan dhiyyeessuuf jedhame.

Warshaan Omisha Xa’oo Yuuraalcheemii Raashiyaa biyyoota Afrikaaf omisha bilisaan akka raabsuuf murteessuu ishee Hojii Rawwaachiisaan Kaampaanichaa Diimitirii Koniiyev ibsaniiru.

Haaluma kanaan marsaa Jalqabaan toonii kuma 25 gara Toogootti akka ergamu eeraniiru.

Akka Hojii Raawwachisichi jedhanitti, Raashiyaan deeggarsa xaa’oo taasisuun dhibbaan wabii nyaataan dhufu tokkollee hinjiru.

Baatii darbe Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin Shaangaayitti yaa’ii waltaa’insa Afrikaa irraatti hasawaa taasisaaniin, sababa qoqqobbii biyyoota Lixaa xaa’oon toonii kuma 300 bilisaan biyyoota guddachaa jiraniif ni rabsina jechuun isaanii ni yadatama.

Pireezidaanti Puutiin murtii Raashiyaan xaa’oo gara Gamtaa Awuroppaatti haa ergitutti gammadaanis, murtee biyyoota miseensoota gamtichaa qofatu bitachuu danda’aa jedhu qeequu TRT gabaaseera.

Dhumaa ji’aa Adooleesaa Mooskoo fi Kiyeev Istaanbul irraatti mariisisuummaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomaniin Garbaa Gurracharraan Yuukireen omisha midhaanii addunyaaf akka dhiyeessitu waliigaluun isaanii ni yaadatama.

Waliigalticha irraattis Raashiyaan xaa’oo gabaa Addunyaaf akka dhiyeessitu waliigalanis Mooskoon waliigaltichi hojiirraa hinoolle jettetti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment