Raashiyaan biyyoonni Lixaa kan waadaa seenan “Qoqobbii loojistiksii“ hinkaasne jechuun qeeqxe

Finfinnee, Qaammee 2, 2014 (FBC)- Raashiyaan oomisha miidhaanii fi xaa’oo addunyaaf akka dhiyeessituuf biyyoonni Lixaa waada seenan hinkabajne jedhan Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Saargee Laavroov.

Biyyoonni Lixaa rakkoo dhiyyeessi nyaataa hawaasa addunyaa furuuf, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Turki waliin mari’achuun murtee irra gahaanii turuun ni yaddatama.

Kana hordofees Raashiyaan xaa’oo midhaanii fi midhaan gabaa addunyaaf daangaa tokko malee akka dhiyeessituuf waliigalteerra ga’amus kana hinkabajne jechuun ministirichi qeeqaniiru.

Magaalaa Turki Istaanbuliitti waliigaltee irra ga’ameen buufanni doonii Garba Gurraachaa akka banamuu fi oomishi Yukireen gabaa alaaf akka ergamuu fi dhiyyeessiin nyaata akka itti fufu taasisuu ture jedhan Sargee Laavroov.

Haa ta’u malee, Barreesssaan Dhabbata Mootummoota Gamtoomaanii Antooniyoo Guutereeziin waadaa galan hinkabajne jechuun Sargee Laavroov iyyannoo dhiyeessaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Saargee Laavroovii fi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaandi ibsa waloon kennaniin, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bu’uura waligaltee Istaanbuuliitti taasifameen dirqama isaa bahachuu qaba jechuu isaanii RT’n gabaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment