Raashiyaan beekkamtii dippilomaatota Ingiliz ja’a haqxe

Finfinnee, Fulbaana 3, 2017 (FBC)- Raashiyaan yakka basaasaan kan shakkiteen dippiloomaatota Ingiliz ja’a beekkamtii isaanii haquu beeksiste.

Tajaajilli Nageenyaa fi Tasgabbii Raashiyaa, dippiloomaatoonni kunneen sochii nageenyaa Rashiyaa balaarra buusuu gaggeessaa turuu beeksiseera.

Dippiloomaatoonni kunneen Awurooppaa Bahaa fi Giddugaleessaa Eeshiyaattti haala loltummaa fi siyaasaa akka qindeessaanii fi waraana gaggeeffamaa jiruun Raashiyaan akka injifatamtu karoora tarsiimawaa akka baasaniif dirqamni kennameefii turuu eereera.

Haaluma kanaan Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Eeyyamaa dippiloomaatotaa kanneenii haquun biyyattii gadi lakkisanii akka ba’an yoo taasisu, Ministeerri Dhimma Alaa Ingiliz dhimmicharratti ibsi kenne akka hinjirre BBC’n gabaaseera.

Murteen Raashiyaa kun kan dhaga’amee Ministirri Muummee Ingiliz Keer Istaamar Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin walarguun, Yuukireen haala meeshaalee waraanaa biyyoota lixaa fayyadamuu dandeessurratti mari’achuuf wayita qophaa’aa jiranitti.

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, misaa’eloonni fageenya dheeraa furguggifaman bulchiinsa Raashiyaa akka haleelu kan eeyyaman yoo ta’e Raashiyaan murtee haaloo bahannaa fudhachuu akka dandeessu ibsaniiru.

Tibbana Ingilizii fi Ameerikaan deeggarsa namoomaa Yuukireeniif kan oolu deeggarsa Doolaara biiliyoona 15 taasisuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment